Telegram Group & Telegram Channel
Eelaa Jireenya:
❀❀❀❀ Sammuu Kee Amansiisi ❀❀❀❀
❀❀❀❀ Ati Nama Guddaa in taata ❀❀❀❀
Gorsa kana Dubbifadhu Si Gargaara
Jireenya kees in ijaara
Haala Amma irra jirtu ilaaltee, maaliif xiqqoon ta'e? jettee kan of tuffattu yoo taate ati yoomuu nama guddaa ta'uu hin dandeessu!
Namoonni gurguddoon Addunyaa kana irra jiraan jalqaba xiqqoo turani. Eenyullee kan isaan hin beekne, nama akkasumanii turani.
Yeroo booda garuu; beekumsa isaanii dabalaa, ilaalcha isaanii bal'isaa, Amantii isaanii jabeessaa, Yaada isaanii qajeelchaa, Mul'ata isaanii guddisaa, Murtoo isaanii cimsaa amma kan irra jiran Eenyuummaa isaanii isa guddaa uumani. Amma kan irra jiran, kan irra hin gahamne kan fakkaatu eenyummaa guddaa uumani.
Lio Tolistoy akkas jedhe "Namni guddaan guddaa ta'ee hin dhalatu, guddaa tauuf ofiin of guddisa malee " eeyyee eenyulle guddaa ta'ee hin dhalanne.
Barack Obama Presidant ta'ee hin dhalanne. Garuu ofiisaa bulchaa America ta'uuf of qopheesse. presidant gurraacha kan America isa jalqabaa ta'e.
Haile G/ Silasei'n Atileetii ta'ee hin uumamne. Garuu ofiisaa mootii Atileetii fiigichaa dheerinaanaf of qophesse. Record Addunyaa 27 galmeesse.
Lamaan isaani, akka fakkeenyaatti ilaalle malee gootonni hunduu waqtii tokko ofiin illee of qabuu kan hin dandeenye, daa'ima turani. Uffannaa fincaanii isaanii illee haadha isaanii ykn Abbaan isaani kan isaaniif jijjiiru hirkatoota maatii isaanii turani. Garuu namoonni kunneen jireenya hirkattummaa keessaa of baasani, amma kan irra jiran bakka guddaa gahan.
*
Argitanii jireenyi hunduuma keenyanu akkamiin ijoollummaa keenyatti hirkattummaa jalaa akka baanu nu barsiiftetti. jireenya amma irra jiruurra, ykn akkamiin hirkattummaa ijoollummaa irraa akka adda baanu barsiisun moo'ichaf of qopheesina.
Daa'imummaa keenyatti otuuma deemnu kufna. hammam otuu kufnelee abdii hin kutannu. ammas deemuuf ni yaalla malee. Nama guddaa ta'uuf qabsoon jiru isa kana faana wal fakkaata. Haalaan abdii kutuu dhiisuu.
Hammamillee yoo kuftan ka'uuf tattaafannaa gootan adda kutuu dhiisuu. Garuu yeroo tokko abdii kuttanii, bakka kuftanii ka'uuf tattaafachuu yeroo dhaabdan gaafas guddummaa keessan ajjeestu.
Namoonni gurguuddoon isiin beektan hunduu kan abdii nama kutachiisu jalaa mo'ichaan darbuu kan danda'ani dha. Emmee atis jireenya kee bara itti qoramtu darbiitii "Eenyummaa kee isa guddaa uumi " keessa kee guddinni ni jira. Garuu guddinni hawwii qofaan hin argamu. Guddiinni qabsoo barbaada.
Guddiinni tattaafannaa barbaada.
Guddiinni jabina barbaada.
Guddiinni obsa barbaada.
Guddiinni kutannoo barbaada.
Warreen kana hundaa bakka tokkotti yeroo qindeesitu, Eenyummaan kee inni guddaan in uumama.
Ati nama guddaa ta'uuf keessa kee kan jiru guddummaa arguu yoo dandeesse dhayiti keessa kee ilaali. Garuu dhuma irratti kan dagachuu hin qabne, Waaqayyoo keen kadhaadhu. Isa faanas haasa'i. Isa malees. homaa tokkollee hin karoorsiin. Uumaa kee. guddummaa kana hundaa waan siif laateef Garaa kee irraa Galateefadhu
GUYYAA GARII 🌼🌼🌼🌼🌼😂😄😃🌤⛅️🌤⛅️🌤☀️⭐️🌟⚡️💥

E E L A A J I R E E N Y A

V O I C E O F P O S I T I V I T Y

tg-me.com/Eelaa_Jireenyaa/965
Create:
Last Update:

BY OZONE HCB SHASHAMNE

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/Eelaa_Jireenyaa/965

View MORE
Open in Telegram

EELAA JIREENYA Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

How to Use Bitcoin?

n the U.S. people generally use Bitcoin as an alternative investment, helping diversify a portfolio apart from stocks and bonds. You can also use Bitcoin to make purchases, but the number of vendors that accept the cryptocurrency is still limited. Big companies that accept Bitcoin include Overstock, AT&T and Twitch. You may also find that some small local retailers or certain websites take Bitcoin, but you’ll have to do some digging. That said, PayPal has announced that it will enable cryptocurrency as a funding source for purchases this year, financing purchases by automatically converting crypto holdings to fiat currency for users. “They have 346 million users and they’re connected to 26 million merchants,” says Spencer Montgomery, founder of Uinta Crypto Consulting. “It’s huge.”

The S&P 500 slumped 1.8% on Monday and Tuesday, thanks to China Evergrande, the Chinese property company that looks like it is ready to default on its more-than $300 billion in debt. Cries of the next Lehman Brothers—or maybe the next Silverado?—echoed through the canyons of Wall Street as investors prepared for the worst.

EELAA JIREENYA from us

Telegram OZONE HCB SHASHAMNE
FROM USA